Artistoota Qaaaliifi Beekamoo Konsartii Nagaarratti Xiyyeeffate "FAANA NAGAA" Jedhuun Magaalaa Adaamaatti Guyyaa 17/8/2018 Adeemsifamu Irratti Hirmaataniif Maarsh Baandiifi Garmaama Fardaatiin Simannaa Hoo'aan Taasifame.
📰 Published on April 25, 2026
Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa haasawa simannaa taasisaniin Mootummaan aadaa, duudhaafi seenaa ummata Oromoo irratti cabiinsa gara garaa ture bakkatti deebisuuf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjetaa Jira. Fardi Oromoo biratti iddoo olaanaa kan qabuufi maatidha, nageenya, tokkummaafi gootummaa lallabuun iddoo olaanaa qaba.Garmaamni fardaa ykn kaarnivaaliin fardaa Qophaa'e Nagaafi araara kabajuun ulfinaafi Sona ummataa addunyaatti agarsiisuuf iddoo olaanaa qaba kanaaf Madda turizimii ta'ee akka dinagdee utubu taasisuuf hojii guddaa hojjechuu qabna.Fardi Oromoo amanamaadha, fardi Caffee oola ,fardi nagaadha,Nagaa lallabuun Oromiyaa jajjabeessuun ergama Sagantaa Garmaama/Kaarniivaala fardaa kanadha jechuun ibsaniiru. Hundeessaafi Hojigaggeessaan Piromooshinii Aartii Boraatii Dargaggoo Buruk Girmaa gamasaatiin Guyyaan kun guyyaa seena qabeessa.Garmaamni Fardaa/Kaarnivaaliin Fardaa akka Saba Oromootti haala addaatiin kan itti jalqabameedha.Fardi keenya miidhagee sadarkaa kanatti dhiyaatee akka mul'atuuf Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa guddaa galateeffanna.Fuulduraaf fardeen hedduu hirmaachisuun Garmaama fardaa guddaa qopheessuun aadaafi duudhaa keenya dhaloota kan dhaalchisnu ta'a jechuun ibseera.