← Back to News

miseensoni Mana Maree waloo paartilee siyaasaa Magaalaa Adaamaa fi godina shawaa bahaa Raawwii filannoo bara 2018 caamsaa 24 gaggeeffame fi kallatti hojii garafuulduraarratti marii gaggeessan.

📰 Published on June 07, 2026
Kaayyooni marichaa hanqina fi ciminaa filannooo bara 2018 gaggeeffame keessatti mul'ate ilaaluun paartii Uummanni halkan bahuun filate wajjiin misoomaa fi nageenyaa biyyaa itti fufsiisuu,waan hojiif galtee tahuu walitti himuun garafuulduraa imaluuf. Paartii tokkummaa Biyyooleessaa Itiyoophiyaa bakka bu'uun kan hirmaatan Paastar Bayyaana Desslany Kan keessa jiru Jaarraa 21ffaa dha, biyyi Itiyoophiyaa filannoos haqaa qabeessa gaggeessuun filannoos diinaas injifate jirtii Waaqayoof galani haa tahuu, ammaas mootummaa mo'e wajjiin biyyaa ceesisuu qaban jedhan. Manni maree waloo paartilee siyaasaa godinaa shawaa bahaafi Magaalaa Adaamaa hojii Biyyoolessaa.hundaa hojjechaa bahanne, paartileen siyaasaa saddeetti wajjiin hojjennera,mootummaa biyyaa bulchaa jiruu wajjinis qindoominaan hojjecha ture, filannoo marsaa 7ffaa gaggeeffames karaa nagaatiin hawaaani gaggeessuun xumure, kan hafuu bu'aa Boordiin filannoo biyyoolessa itiyoophiyaa ifoomsuu fudhachuun biyyaa ceesisuudha jedhan. Bakka bu'oonni fi miseensoni paartilee siyaasaa filannoon kun hojii diinaa kan itti afaan qabaachiseedha,hawaasni halkan keessa sa'aatti 10:00nirratti buufataalee filannootti argamanii mootummaa bakka isaan bu'uu filatan jiruu ammaa booda teessoof osoo hin taanee biyyaaf jenne paartii filame wajjiin hojjechuu qabna jedhan. guyyaa filannoo caasaaleen nageenyaafi paartileen siyaasaa, qaamoleen mootummaa fi hawaasni hundii gochaa diinaa qanneessuu filannoon agarsiisan jiruu, iftoominaa yaada ofii fi komii dhiyeessuun rakkoolee jiruu furmaata laachuu qaban jedhan. Itti Gaaftaamaan Paartii badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa obbo Ashaanaffii Ajjama mani maree paartilee waloo hirmaanna hawaasni filannoorratti agarsiisanii beekamtii kennuu qabdu,qindoominaa fi fedhiin humnoota diinaa fashala'uu danda'eera kunis gahee hundaa keenyaatti jedhan. Walmorkii fi waltumsi jiruu hojii keenyaa sadarkaa ol'aanaatti ceesisuuf galtee gara fuulduraattis jedhan Paartii Sochii Biyyoolessaa Amhaaraa bakka bu'uun buufataalee filannoo magaalaa Adaamaa fi shawaa bahaa irratti kan dorgoman obbo Habtaamuu Tasamaa uummani sagalee nuf kenne kunis halkan sa'aatti 10:00tti hiriiraa dheeraa osoo hin nuffiini bahee wareegama keessa dhaabachuun mootummaa filate jira,bu'aa filannoo Boordiin filannoo biyyoolessa yoo beeksise sagalee isaanii kabajuu qaban misoomaa itti fufsiisuu hojjechuu qaban jedhan. dhumarratti partileen kunneen Ibsa Ejjennoo qabxii shan qabuu waliif dubbisuun sagantichii goolabame .

Subscribe to Our Newsletter