Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa bokkuu shananii Aanaa Toorban Oboo Zoonii Daabee garmaamaatti duulli na filadhaa paartii Badhaadhinaa geggeeffame.
📰 Published on May 21, 2026
Kantiibaan itti aanaafi qindeessaan kilaastara taaajilaa magaalaa Adaamaa Obbo Nigaatuu Mootummaa paartiin Badhaadhinaa abdii dhaloota egeree biyyattii ta'uu ibsaniiru. Waqixummaa sabaa fi sablammootaa akkasumas amantaa gochaan mirkaneessa jiraachuus dubbatan. Bulchaan Aanaa Torban Oboo obbo Daggafaa Yaamii, paartiin Badhaadhinaa waadaa kana dura seenaa ture raawwachuun sirna fayyadamummaa hawaasaaf hojjetu ta'uu qabatamaan mul'iseera jedhan.
Hoji raawwachiisaan Olaanaa kutaa magaalaa Bokkuu Shananii Obbo Taayyee Doorii Paartiin badhaadhinaa gaaffii uummanni gaafachaa tureef deebii kennuun ijifannoo olaanaa galmeessuu himan. Dheebuu misoomaa hawaasni qabus milka'aa jiraachuu ibsan. Paartiin badhaadhinaa waadaa misoomaa waggoottan shanan darban seenee baajata mootummaa fi hirmaannaa ummataan raawwachuun fayyadamummaa lammilee dhugoomsuu kan himan ammoo Itti gaafatamtuu waajjira kominikeeshinii magaalaa Adaamaa fi bakka buutuu Caffee Oromiyaa Aadde Amiinaa Inkuushi. Paartiin badhaadhinaa hanqinoota turan furaa bu'aa caalmaaf kan hojjetu waan ta'eef sagalee paartii Badhaadhinaaf kennuun egeree biyyaa ijaaruu ta'uu dubbatan.