Magaalaa Adaamaa Aanaa Haroorettii Zoonii Daraaraa Birraatti Sosochiin Duula “Na Filadhaa” Paartii Badhaadhinaa Gaggeeffame.
📰 Published on May 19, 2026
Deeggartootni fi miseensotni Paartichaa uffata Aadaa fi calaqqeewwan Paartichaan faayaman sagantaa mata duree” Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti” jedhuun taasifame kanarattii hirmaataniiru. Ittigaafatamaan Zoonii Daraaraa Birraa obbo Lammii Abdoo sadarkaa maatiirraa eegalee ollaan akkasumas gurmaa'insa gareetiin hojiileen fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan raawwataman akka itti fufaniif Paartii Badhaadhinaa Filadhaa jedhan. Bulchituu Ittaantuun Aanaa Haroorettii Aaddee Mazihab Jamaal Paartiin Badhaadhinaa akkuma mallattoosaa Filannoo Biyyoolessaa marsaa 7ffaa Nadoo qamadii tokkummaa fi waloomaa leellisuu akkasumas qabatamaan muldhiseera jedhan. Paartichi Itoophiyaa Gara Fakkeenyummaatti ceesisuuf onnateera waan ta'eef kun akka dhugoomuuf Paartii Badhaadhinaa filannoo keenya haa taasifannuu ibsan. Ittigaafatamaan Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Fufaa armaamaanis saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin Paartiin Badhaadhinaa Paartii rakkoo keessatti uumamee rakkoolee biyyattii walxaxoo fi bubbulan hiikuu danda'eedha jedhan. Federaalizimii dhugaa hunda hirmaachise hojiirra oolchuunis jijjiirama siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee biyyaa qamadii alaa kadhatuurraa gara oomishuun alatti erguutti ceesisuu dabalate paartichi fiduu ibsan. Jijjiiramoota galmaa'an itti fufsiisuuf tokko taanee mallattoonsaa Nadoo Qamadii kan ta'e Paartii Badhaadhinaa yaa filannus jedhan.