Magaalaa Adaamaa kutaa Magaalaa Dambalaatti duulli na filadhaa Paartii badhaadhina gaggeeffame.
📰 Published on May 21, 2026
Saganticha irraatti Hoggantoonni Magaalaa , kutaa magaalichaa fi Aanaalee Irreechaa,malkaa Adaamaa fi Wanjii akkasumaas deggartoonnii paartiichaa argamaniru. Hojii Raawwachisaa Olaanaa Kutaa magaalicha Obbo Yimaanuu Tashoomaa paartiin badhaadhina biyyaatti kuffaatii irraa hanbisuuf paartii dhalatee dha jedhan. Paartichii dhaloota kaleessa har'aa fi egeree kan walqunnamisu waan ta'eef sirna fi mootummaa cimaa ijaaruu isaa kaasan. Kantibaa Itti Aanaa fi Qindeessaa Kilaastaraa Dinagdee Dr.Maatiyoos Sabbooqaa paartichii yaadama ida'aamu irra kan maddee dha kanumaanis waggoottan sadeett darban keessatti cabaa siyaasa tureef furmaata waaraa kennuu isaa ibsan. Paartichi namooma irratti xiyyeeffachuu isaa ijaaromsa dhaloota egereef abdii guddaa kan horuu ta'uu isaa himan. Pirezidaantii Yuuniverasitii Saayinsii Fi Teeknoloojii Adaamaa fi Bakka Bu'aa Paarlamaa Dr. Lammii Guutaa paartichi carraa kanaan rakkoolee nageenya fi hawaasummaa mul'ataniif furmaata waaraa akka argatan cichee kan hojatuu ta'uu dubbatan.