← Back to News

Bitooteessa 24n Imala fakkeenyummaa Tarkaanfii hundee Qabeessa!

πŸ“° Published on April 02, 2026
Jiraattonni Magaalaa Adaamaafi Godina Shawaa Bahaa Bitootessa 24 Kabaja Waggaa 8ffaa Guyyaa Injifannoo Sababeeffachuun Hiriira Deeggarsaa Taasisaniiru. KantibΓ a Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee haasawa taasisaniin Injifannoon Bitootessa 24 aarsaa guddaa cichoominaafi tokkummaa waloomeen qaanqeen jijjiiramaa biyyaafi naannoo keenyatti qabsiifameen akka Magaalaa keenyattis hojiileen gama siyaasaa,dinagdeefi hawaasummaatiin fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessan hojjetamuuf bu'uura Itti kaayameedha. Dhaloonni Kun Injifannoo tiksuufi miiraa jijjiramaatin hojjechuun waan karorfanne raawachaa waada galle gochaan mullisurratti argamna. Hojiiwwan hawwattumma Magaalaa duratti ceesisan,dagaagina ogummaa cimsuun adeemsota keessatti carraan hojii akka cimu hojjechaa tureera.Adda hojii hundarrtti humnoota hojii sochoosuun akka magaalaatti kallattii mootummaan kaaye hordofuun yaadama magaalomsuu jijjiirama Magaalaa duratti ceesisan hojjechuun magaalaa smart taate uumuuf hojjechaa jirra.Dhaloonni har'aa rakkoo injifatee seenaa hojjechuu akka danda'u baranneera. Mootummaa cimeen biyya cimaa ijaaruuf Injifannoon lalisee akka itti fufuufi rakkinoota hiikuun nageenya keenya tiksuun misooma jalqabame Itti fufsiisuuf hundi keenya gahee keenya bahuu qabna jedhaniiru. Bulchaa Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo gamasaaniin Bitootessa 24; Adda imala jijjiirama biyya keenyaati.Gaafii abbaa biyyumnaa kan itti gonfanne Itiyoophiyaan imala jijjiiramaa kan itti jalqabdeefi Adaa siyaasaa haaraa biyyaa kan itti eegalleedha.Sodaa kufaatiifi bitinnaa'uu irraa biyya kan hambiseedha.Mirga walqixxummaa Qooda fudhannaa haqa qabeessummaa kan itti mirkanaa'e,Obbolummaanifi sabdaneessummaan iddoo kan itti qabateedha.Sirna cimaa ijaaruuf yaadamoota aadaa irraa maddan humna walootiin gurmeessuun hirmaannaa ummataa babal'isuun tarkaanfiwwan hedduun kan itti fudhatameedha jedhaniiru.

Subscribe to Our Newsletter