Bitootessa 24: Bu'uura Jijjiiramaafi Hundee Badhaadhina Itiyoophiyaa!!!
📰 Published on April 02, 2026
Guyyaa Injifannoo gaafii ummata keenyaa karaa sirrii ta'een ittiin deebi'e sabaafi sablammoota biyya keenyatiif Walqixxummaan akka dhufuuf xomborri bilisummaa kan itti qabsiifame motora jijjiiramaa maandisa badhaadhinaa kan ta'e badhaafamaa looreetii nageenya addunyaa Muummicha Ministeera Dr.Abiy Ahmad itti arganneedha. Jijjiirama bu'uuraa fiduun Cunqursaa biyya keessa ture dhabamsiisuun gaafii jajjabaa ture deebisuuf biyya rakkina keessa turtee sadarkaa bittinnaa'uu irra geesse kufaatirraa baraaruun Ilaalama ifa ta'e qabaachuun humna guutudhaan Haaromsa Itiyoophiyaa mirkaneessuun biyya fakkeenya taate ijaaruuf hojii qabatamaatti kan itti galameedha.Yaadamoota gurguddoo afran Magaalotaaf kennaman bu'uura taasisuun biyyaafi Mootummaa sabdaneessummaafi tokkummaa itti fufiinsaa ,Sirnaafi dinagdee cimaa ta'e qabdu Magaalaa ummanni ishee dinagdee keessatti horachuu danda'u misoomaafi fayyadamummaa haqa qabeessa ta'e mirkaneessuu danda'u ijaaruuf yaaliin adda addaa kan itti taasifameedha.
Kanaanis akka Magaalaa Adaamaatti Wabii nyaataa mirkaneessuuf boroowwan jiraataa Magaalaa hundi oomishatti galuun akka qabu,magaalonni Oomisha alaa dhufu kan bitan osoo hin taane Magaalaa oomishuu dandeessu keessatti oomishamee waan jiraatan Magaalaa barbaadu Magaalaa oomishaafi oomishtummaa guddaan keessatti uumamu gochuun danda'ameera.Yaadama haaraa Magaalaa keessatti dhufe qamadii Jallisii bonee oomishuun lafa hektaara hedduu Magaalaa keessatti qotuun oomishni qamadii Magaalaa keessa akka jiraatu taasifameera. Gama qonna magaalaatiin inisheetivoonni gara garaa furdisa loonii,Horsiisa aannanii,horsiisa kanniisaafi lukkuu kumaatamaan lakkaa'aman bocamanii humnoota misoomaa sadiin hojjetamaniiru.Dorgomummaafi ammayyummaa Magaalaa keessatti fiduuf manneen barnootaa babal'isuun,Mana Barumsa bu'uura Boruufi sadarkaa 1ffaafi sadarkaa 2ffaa ifa boruu ijaaruun ciicata barbaachisan guutuu,fayyaadhaan, turizimii, Haaromsa aadaatiin jijjiiramoonni ijaan argaman misooma hawaasummaa badhaadhinaaf humna ta'uu danda'amuufi ummanni bal'aan irraa fayyadamu hojjetameera.
Bitootessa 24 ummata Magaalaa Adaamaatiif guyyaa Injifannoo,ummanni Oromoo hiree argatee fayyadamaa misoomaafi nageenyaa akka ta'uuf bu'uurri Itti kaayameedha.Guyyicha yaadachuun mul'ata biyyi qabatte caalmaan haaromsuun duratti kan ittiin tarkaanfannu,cunqursaa duraan ture yaadachuun maal qabna maal dhabne jennee xiiqidhaan kaka'umsa olaanaan ergamoota akka mootummaatti bahan caalmaatti milkeessudhaaf mul'ata biyyi qabatte galmaan gahuuf ergama dabalataa fudhachuun waadaa keenya kan ittiin haaromsinuudha.
Obbo Ashannaafii Ajjamaa Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa.