Bitootessa 24 Yaadachuuf Magaalaa Adaamaatti Sagantaan Mass - Ispoortii Gaggeeffamee.
📰 Published on April 01, 2026
Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafi Ajjamaa ergaa Saganticharratti dabarsaniin Bitootessa 24:guyyaa hoggansi Gaafii mirgaa,dinagdee,misoomaa,ijaarsa dhaabbileefi sirnaa akkasumas tasgabbii siyaasaa biyya keessatti fiduudhaaf hojjetu Itti dhalateedha.Keessumaa imala jijjiiramaa ariifataa keessa galchuudhaan yaadarraa gara sochii qabatamaatti galchuudhaan adda durummaan socho'aa kan jiruudha.
Gaggeessummaa Tarsimaa'aa qabsoo Saba keenyatiin bifaafi karaa adda addaatiin yaa'aa ture kallattii qabsiisuun gulantaa qabsoo yeroon barbaadu gaggeessurratti hoggansa argamaniidha.Aadaa siyaasaa wal qoodinsa,shiraafi wal ajjeechaa biyya keessatti lafa qabatee ture aadaa siyaasa gochaafi yaadaatti jijjiiruun qabatamaan aocha'uurratti argama.Kanaanis hawwiilee gara garaa sabaafi sablammoota Ummattoota Itiyoophiyaa wal faallessuu danda'an falaasama ida'amuutiin wal simsiisuun milkaa'inoonni hundagaleessi akka dhufuuf qaanqeen qabsiisuun isa Hogganaa kan jiruudha.
Gaggeessummaa kanaanis Rakkoon gara carraatti jijjiiramee dilbiin hin mul'anne argamuun misoomera lolanii lolchiisuun Injifannoon akka dhufu ta'eera.Mirgoonni siyaasaa ummanni keenya gama dinagdee eenyummaafi dimokiraasiin gonfate guutummaatti akka horatamu sabboonummaa gochaan galmeessuufi galmoota akka badhaadhinaatti qabaman hunda toora tooraan deebisuudhaaf halkaniifi guyyaa hojjetamaa tureera. Nutis fakkeenya hoggansa kanaa taanee imala Badhaadhinaa eegalame karaa adda addaatiin Itti fufsiisuuf gahee gaggeessummaa hoggansi Olii Kenne kallattii qabsiisuun hordofuufi hojjechuudhaan jijjiiramni hundee godhachuun ummata keenya fayyadamaa akka taasisuuf hojii qabatamaan hojjetameera waan ta'eef Injifannoon Bitootessa 24 carraawwan misoomuufi guddachuun nuuf fide