Bitootessi 24 guyyaa qaanqeen waloomaa fi badhaadhinaa itti qabsiifameedha.
📰 Published on April 02, 2026
Mootummaan jijjiiramaa cunqursaa akka sabaatti irra gahaa ture, gaaga'ama siyaasaa federaalizimii dhugaa hin taanee fi rakkoo hirmaachisummaa ture hundeerraa hiikuun sirna duudhaa ummata keenyaarraa maddeen paartii badhaadhina hudeessee injifannoowwan amansiisaa fi fayyadamummaa gama siyaasaa, dinagdee, fi abbaa biyyummaa mirkaneessaa jira. Bitootessi 24 yaadamoota biyya keenyaatiin rakkoo keenya hiikuuf, daandii #ida'amuu fi galma #badhaadhina hunda galeessa kaa'ate dhugoomsuun fedhii nageenya waaressuu, sirna cimaa ijaaruu, waliigaltee biyyoolessaa fiduu, siyaasa qeenxee maqsuun siyaasa walootiin bakka buusuu danda'eera.
Mootummaan jijjiiramaa sagantaalee misoomaa, dinagdee, fi hawaasummaa hammataa fi hirmaachisaa ta'e diriirsuun gaaffilee bu'uuraa lammiilee deebisuun qabeenya qabnu bulchuu fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjechaa tureera. Kanaanis galmoota wabii nyaataa mirkaneessuu, kalaqaaf ogummaa babal'isuu, intarpureenaroota baay'isuu fi kenna tajaajilaa ammayyeessuu kaa'ee inisheetivoota fedhii fi fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessan hojiirra oolchuun milkaa'ina olaanaa firris diinnis hin haalle galmeesseera.
Gama biraatiin mootummaan ida'amuu badhaadhina hunda hundagaleessa nama giddu galeessa godhate waan ta'eef Bitootessa 24 bu'uura dhaloota egeree kaa'atee manneen barumsaa bu'uura boruu fi ifa boruu baay'inaan ijaaruun barattootaafis nyaata dhiyeessuun dhaloota ijaaraa jira. Kana malees imaammata fayyaa dhibee dursanii ittisuurraa gara yaalanii fayyisuutti ceesisuun tajaajila hospitaalarratti kennamaa ture gara buufata fayyaatti buusuun danda'ameera.
Mootummaan jijjiiramaa seenessa waloo ijaaruu, nageenyaa fi haqa waloo waaressuu, fi kenna tajaajilaa ammayyeessuu(digitaalessuun) fayyadamummaa ummataaf riifoormiiwwan gurguddaa gaggeesseera.
Injifannoowwan bitootessa 24 galmaa'an tikfachuu fi qormaatilee mudatan wal hubannaadhaan ce'uun galma badhaadhinaa qabanne dhugoomsuuf injifannoowwan bitootessa 24 marii paanaalii, sosochii ispoortii, hiriira deeggarsaa fi milkaa'inoota gama misoomaa, dinagdee, fi hawaasummaatiin argame ummatatti mul'isuun kan kabajamu waan ta'eef hiriira Bitootessa 24 gaggeeffamu injifannoo waloo tikfachuu fi qormaatilee waloo qunnaman waloon qolachuun akkuma gaaffii abbaa biyyummaaf deebii kennaa dhufne hiyyummaa fi alseerummaarrattis waloomaan duullee badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf hawaasni magaalaa Adaamaa hoggansi, hojjettoonni, fi caasaaleen mootummaa fi miti mootummaa gahee adda durummaa bahachuun hirmaachuu akka qaban waamicha dabarsina....!!