← Back to News

Bulchiinsa Aanaa Caffeetti Waajjirri Paartii Badhaadhinaa sagantaa sosochii duula nafiladhaa fi manifeestoo gaggeesse.

📰 Published on April 30, 2026
Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan itti gaafatamaa Waajjira Paartii badhaadhina Aanaa Caffee Obbo Yuusuf Shaafii Paartiin Badhaadhinaa paartii jijjiiramaaf hojjataa jiru ta'uu kaasuun paarticha filachuun misooma,nageenyaa fi badhaadhina biyyaa itti fufsiisuu ta'uu dubbatan. Paarticha imaanaa dhalootaa galmaan gahuuf yeroo kamiiyyuu caalaa kutannoon hojjachaa jiraachuu kaasuun, mallattoo filannoo paartii badhaadhinaa kan ta'e Nadoo Qamadii filadhaan dhaaman.Bulchaan Aanaa Caffee Obbo Fayyisaa Badhaadhaa gama isaaniin Paartiin Badhaadhinaa paartii qabatamaan hojjatu paartii egeree biyyaaf yaaduun karoorsee hojjachaa jiruudhaan ibsanii paartii hunda hammatu paartii badhaadhinaa haa filannuun ergaa dabarsan. Itti gaafatamaa gurmuu dargaggoota Aanaa Caffee Dargaggoo Sabbooqaa Baabsaa gama isaan paartiin badhaadhina paartii dargaggoonni aarsaa kaffalaniin dhalate ta'uu beeknee tikfachuu qabnaan dhaamsa dabarse.Hawaasni Aanaa Caffee Sosochii Duula nafiladhaa irratti qooda fudhatan paartii jijjiirama biyyaatii halkanii guyyaatti hojjachaa jiru paartii badhaadhinaa filachuuf qophii ta'uu dubbatan.

Subscribe to Our Newsletter