Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa kutaa Magaalaa Dambalaa Aanaa Irreechaatti Sosochii duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa filannoo marsaa 7ffaan gaggeeffamee.
📰 Published on April 30, 2026
Saganticharratti Abbootiin Gadaafi Haadholiin siinqee,Hooggantooni fi Hojjetooni,jiraattooni Aanichaafi qeerroofi Qarreen hirmaatan. Keessummoota saganntichaa simachuun haasawa baniinsaa kan taasisan Itti Gaafatamaa paartii Badhaadhinaa Aanaa Irreechaa obbo Alamuu Diribaa Paartiin badhaadhinaa Waggoota 6 n dabarsine keessatti Imala badhaadhinaa milkeessuuf Pirojektii jiruufi jireenyaa hawaasa mirkaneessan hedduu hojjecha ture ammaas itti fufuun ni hojjeta jedhan Dabalataan diinagdee hawaasa guddisuufi Nageenyaa waaraa mirkaneessuun tokkummaa sabafi sablammootaa cimsuuf hojjechaa jirra, mallattoon paartichaa Nadoo qamaditti filaladha nadoo qamadii filachuun misoomaa itti fufsiisuudha jedhan. Bulchuun Bulchiinsaa Aanaa Irreechaa obbo Lammiii jiruu hawaasni waan kanaan duraa dabarse beekuun filuufi filachuu dammaqinaan gaggeessuu,waan qabanus wal hubachisuun kunuusuun cimne gara fuulduraa ni imala,galmaa ga'insaaf hunduu carraaqqii taasisuu qabana jedhan. Hirmaattooni sagantichaa filannoo bara 2018 marsaa 7ffaa gaggeeffamuuf qophii xumuruu dubbatan.