Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa kutaa Magaalaa Luugoo Aanaa Barreechaa Zoonii Golba Barreechaatti, Duulii sosochii na filadha paartii Badhaadhinaa filannoo Biyyoolessa marsaa 7ffaa gaggeeffame.
📰 Published on May 15, 2026
Saganticharratti jiraattooni Zoonii Golba Barreechaafi Haadholiin siinqee, Hooggantooni kutaa Magaalichaa hirmaatan. Itti Gaafatamtuu Paartii Badhaadhinaa Aanaa barreechaa Aaddee Yooditti Abbuu hojii magaalaa keessatti paartiin badhaadhinaa hojjechaa jiruufi garaa fuulduraas, itti fufuu magaalaa miidhagsuu fi innisheetiivii misoomaa qonnaa keessa oomishaalee qamadii bona gannaa oomishuu,loon Aannanii fi Booyyee Horsiisuu, furdisaa horii foonii dabalatee waan hedduutu qaala'insaa jireenyaa fooyyeessuuf galmaa gahaa jira paartii badhaadhinaa filadha jedhan. Itti Gaafatamtuun siyaasaa paartii Badhaadhinaa Damee kutaa Magaalaa luugoo Aaddee Ra'isa Junaayidiin Paartiin badhaadhinaa liiqii biyyoota garaagaraa kanaan duraa biyyaa keenyarratti kuuffame ture, walgaltee uumuun hambisuufi kaffaluus danda'ee jirra,Mallattoon keenyaa Nadoo qamadiitti gaafa guyyaa 24 ganama barii bahuun paartii badhaadhinaa akka filatan paartii badhaadhinaa filachuun tokkummaa itiyoophiyaa akka itti fufsiistan jechuun waamichaa dhiheessan.
Itti Gaafatamaan Gurmuu dargaggootaa Aanaa barreechaa fi qindeessan zoonii Golba Barreechaa dargaggoo Sabafanaa Huseena duula sosochii paartii badhaadhinaa marsaa 7ffarratti ergaa dabarsaniin hojiilee misoomaafi nageenyaa kanaan duraa hojjechaa ture galtee godhachuudhan paartii badhaadhina filatadha, mallattoon keenyaa Nadoo qamaditti,innis misoomaa labsuufi beela balleessa jedhan. Paartiin badhaadhinaa waggaa muraasa keessatti Pirojektootaa hedduu hojjechaa ture eebbisisuun hojii jalqabee jira, ammaas waggaa shanan dhufuu pirojektoota gurguddoo ijaaruuf jalqabnnee itti fufsiisuuf karoorsine hojjechuuf abdii fi hamilee qaban nuu filadha jedhan. Hirmaattooni saganticharratti hirmaatan qophiii hundaa xumuruun caamsaa 24 kan eegachaa jiran tahuu hima