← Back to News

Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa kutaa‎magaalaa Bokkuu shananiiti‎ Sosochiin duula “Na Filadhaa” Paartii Badhaadhinaa geggeeffamee.

📰 Published on May 05, 2026
Paartiin Badhaadhinaa cabiinsa rog-daneessa biyyi keenya ittiin qoramaa turte wal’aanuun biyya diigumsa irraa baraaree gara badhaadhinaatti imalchiisaa jira. Itoophiyaa fiixee diigumsaarraa deebisuun biyya tokkummaan sabdaneessummaa keessatti dhugoomee fi hariiroon obbolummaa Itti Cime Paartii taasiseedha. ‎Paartiin Badhaadhinaa Filannoo marsaa 6ffaa irrattis waadaa uummataaf gale qabatamaan raawwachuun, har’a waadaa haaraan uummatatti dhiyaatee duula “Na Filadhaa” geggeessaa jira.Kutaan magaalaa Bokkuu shanaanis bu’aa yaadama Badhaadhinaa kan ta’e hojii misoomaa gara garaatiin jijjiiramaa jiru kanaan, sagantaa Duula “Na Filadhaa”bakka miseensotni fi deggartootni paartichaa argamaniti duula name filadha gaggeessaan. ‎Sosochii duula na filadha kanarratti argamuun Erga kan dabarsan Hojii Rawwachisaan Olaanaa kutaa magaalaa Bokkuu shanani Obbo Taayyee Doorii erga dabarsaniin Paartiin badhaadhinaa waggootan Shanan dabarsee kanatti rakkoolee Biyyaa keessaa fi Alaa Isaa muddatef osoo harka hin kennatiin Paartii biyya sab-daneessummaan dhugaa itti mirkanaa'ee fi duudhaan obbolummaa itti dagaage dhugoomsuudhaan aadaan siyaasaa ammayyaa'eefi seeneessi hammataan Itoophiyaa keessatti akka biqilu taasisee jira jedhan. Hojiin gama hundaan eegalame cimee itti fufuun Itoophiyaa fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf Paartiin Badhaadhinaa hojjetaa jirachuu kaasanii, finannoo biyyoolessaa Marsaa 7ffaa paartichii mallattooo Isaac Biissii ykn Nadoo qamaddii qabatee waan dhiyyateef paartii badhaadhinaa akka filatan dhaaman. Kantibaan Itti Aanaa Magaalaa Adaamaa Obbo Nigatuu Mootummaa Paartiin badhadhinaa Paartii, Abdii dhaloota haaraa firriin sabdanessummaa keessaaatti ice muldhatedha jedhan.Partichii Fayyadamummaa Hawaasa bal'a gama hundaan milkkeessuuf filannoo Marsaa 7ffaa cichoomina hojjechaa Jirachuu ibsanii,Badhaadhina filachuun federaalizimiin dhugaa akka mirkanaa'uufi tokkummaan sabdaneessummaa sona obbolummaatiin dagaage akka lafa qabatutaasisaa jedhan.Keessummaa kabaja ta'un sagantichaa irratti kan argaman Itti gaafatamaan Waajjira Paartii badhaadhina Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannafi Ajjama Paartiin Badhaadhinaa mootummaa sab-daneessa kabaju, mirga lammiilee hunda kabachiisu, nageenya waaraa mirkaneessuufi badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf hojii bu’a qabeessa hojjechaa jiruudha jedhan. Paartiin badhadhinaa biyya dimookraatooftuu, walqixxummaa fi misoomni waloo keessatti mirkanaa’e ijaaruuf qaamni hawaasaa hundii filannoon isaanii Paartii Badhaadhinaa ta'uu Akka qabu Erga dabarsan. Hirmaattonni sagantaa kana irratti argamanis mootummaa uummataan ijaarame cimsuuf filannoon isaanii Paartii Badhaadhinaa ta’uu ibsaniiru.

Subscribe to Our Newsletter