Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Gamaggamni Raawwii Hojii Paartiifi Mootummaa Kurmaana 3ffaa Bara 2018 Hoggantoota Magaalaafi Kutaalee Magaalaa Waliin Gaggeeffame.
📰 Published on April 14, 2026
Kantibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee gabaasa dhiyaate xiinxaluun kaka'umsi hojii jiru cimaa ta'uu,aadaan hojiin wal dorgomuu jiru hojii ummatatti muldhisuuf moo'ataa ta'uuf yaaliin jiru gaarii akka ta'e,humna nageenyaa cimsuufi sosochii hawaasaa cimaa uumuun haala gaarirra jiraachuu ibsaniiru. Fuulduraafis hojii hunda duguugnee baay'inaan,qulqullinaan madaallii sirriin fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun raawwachuu ,inisheetivoota Qonnaa xumuruu,galii Mataduree hundaa guutumaanguutuutti galchuu, qusannaa jabeessuu, liqiiwwan hunda duguugnee deebisiisuufi kenna liqiitiinis cimuu, Barnootaratti hojjechuu, invastimantii hordofuun jajjabeessuun oomishatti galchuun carraa hojii uumuu, magaalomsuu irratti ulaagaa eeguun hojjechuu, Dijitaalessuu, Sektarri hundi hojiilee harca'an irratti xiyyeeffachuun guyyoota hafaniif qooduun hojii milkeessuuf Galmootarratti iftoomina horachuun tooftaa raawwii dabaluudhaan aggeessummaa Badhaadhina Waloo Ijaaruun xumuruu akka barbaachisu ibsaniiru. Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa gamasaaniin Hojiin siyaasaafi ijaarsaa Galmoota misoomaafi dinagdee qabaman milkeessuuf humna guddaa kan uumeefi kanaanis Hariiroo cimaan ummataafi Mootummaa gidduutti uumamuufi ummannis Fedhiifi galmoota Mootummaa hubachuun isaaf hojjechaa jiraachuu,Itti gaafatamummaa mirkaneessuuf kan gargaare ta'uu eeruun hojiilee hafan kutannoo,beekumsaafi xiiqidhaan hojjechuun milkeessuu qabna jedhaniiru.