← Back to News

Dubartoota Diinagdeen Utubuun Galma Badhaadhina Biyya Milkeessa!

📰 Published on May 18, 2026
Fayyadamummaa dubartootaa guddisuuf hojiiwwan garaagaraa bal’inaan hojjetamaa tureera. Dubartoota humna diinagdee isaanii cimsachuun of danda’anii, jireenya isaanii fooyyessuuf carraa bal’aa uumamuun imala badhaadhinaa dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa qaban. Bu’uuruma kanaan qindeessummaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaatiin, dubartoota hojii tolchaa biddeenaa irratti bobba’an waldaan gurmaa’an deeggarsi taasifamuun hojii eegalanii jiru Sagantaan kun dubartoota galii isaanii akka guddifatan, hojii uumuu fi of danda’anii jireenya isaanii akka fooyyessan taasisuuf kaayyeffate dha. Dubartoonni carraa kana argatanis hojii xiqqaa irraa eegaluun galii isaanii akka cimsatan, akkasumas wal tumsuun cimanii akka hojjatan ibsaniiru. Kun immoo badhaadhina maatii fi hawaasaaf bu’uura cimaa ta’ee tajaajila

Subscribe to Our Newsletter