← Back to News

Gurmaa'insa Dargaggootaa Cimaa: Olka'iinsa Biyyaaf!

📰 Published on February 12, 2026
Gurmaa'insa Dargaggootaa Cimaa: Olka'iinsa Biyyaaf! Gurmuun Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa hojjettoota mootummaa sadarkaa Seektera Magaalaa irra jiran gamtaafi maatiin ijaaruun, qajeelfama Gurmuu Dargaggootaa fi akkaataa gurmaa'insa isaanii irratti marii gaggeessanii jiru. I/G Gurmuu Dargaggoota Paartii Badhaadhina Magaalaa Adaamaa Dargaggoo Olifan Girma, gamasaaniin: "Yeroon kun humna, beekumsaa fi qabeenya qabnu walitti fidnee, gurmaa'insa cimaa ergama itti kenname kamuu ba’achuu danda'u ijaaruun, dargaggoonni gahee nurraa eegamu karaa ijaarameen akka ba’annuuf kan nu gargaaru ta'uu hubannee ijaaramuu qabna," jedhan!

Subscribe to Our Newsletter