← Back to News

Gurmuun dargaggootaa Magaalaa Adaamaa sosochii duula nafiladhaa filannoo marsaa 7ffaa kaadhimamtoonni caffee fi paarlaamaa argamanitti gaggeesseera.

📰 Published on May 16, 2026
I/G Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa fi Kaadhimamaan Caffee Oromiyaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa dargaggoonni abbaa biyyaa fi utubaa sirna kanaa ta'uu ibsanii filannoo marsaa 7ffaa milkeessuu fi sirna aarsaa dargaggootaa fi akeeka hayyootaatiin argame ceesisuu fi mootummaa hundaaf ta'u hundeessuuf dargaggoonni ashaaraa isaa kaardii harkaa qabuun bu'uura fakkeenyummaa Itoophiyaa kaa'uu akka qabu dhaamaniiru. Paartiin badhaadhinaa qormaatilee gara carraatti jijjiiruun Itoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf dargaggoonni, hawaasni bal'aan mallattoo qamadii filachuun paartii badhaadhinaa cinaa akka dhaabatus gaafataniiru.I/G Gurmuu Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Darg. Oliifan Girmaa gurmuun paartii badhaadhinaa hojiilee misoomaa magaalichaa fi sosochii maanifeestoo fi duula nafiladhaa paartichaa keessatti gahee olaanaa taphachaa turuu ibsanii injifannoo aarsaadhaan argate ceesisuuf kutannoodhaan qabsaa'uu qaba jedhaniiru.

Subscribe to Our Newsletter