← Back to News

Haaromsa Aadaa Galma Gahiinsa Badhaadhina Hunda-galeessaaf!

📰 Published on February 06, 2026
Haaromsa Aadaa Galma Gahiinsa Badhaadhina Hunda-galeessaaf! Haaromsi aadaa qabeenya dilbii ummaticha kan ta'e aadaa, duudhaa, safuu fi seenaa Oromoo misoomsuu,tiksuu fi kunuunsuun dhalootatti akka darbu taasisuun cinatti aadaan keenya utubaa misooma, nageenyaa fi badhaadhinaa akka ta'u taasisa. Magaalaa Adaamaatti leenjii haaromsa Aadaa Oromoo irratti hojjettoota Mootummaa Sadarkaa Magaalaa jiraniif kennameera. Maree kanaanis haaromsa aadaa milkeessuu keessatti gaheen hojjettoota mootummaa sadarkaan jiran, keessattuu galma gahiinsa xiyyeeffannoo haaromsa aadaa keenyaa kan ta'e aadaa Oromoo ceesisuu,beekumsa Oomishuu,diinagdee ceesisuu,aartii Oromoo ammayyeessuu fi miidiyaaf kominikeeshinii ammayyeessuu irratti hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu irratti waliigalameera.

Subscribe to Our Newsletter