← Back to News

Hirmaannaa Cimaa Dubartootaatiin Itiyoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti Ceesisana. (Aadde Immabeet Kabbadaa Itti Gaafatamtuu Gurmuu Dubartootaa Magaalaa Adaamaa)

📰 Published on May 09, 2026
Magaalaa Adaamaatti Sososchiin Duula Nafiladhaa Paartii Badhaadhinaa Gurmuu Dubartootaan Gaggeeffame. Itti Gaafatamaa Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa Obbo Soorechaa Asfaw Adeemsa Waggaa Shanii keessatti dubartoonni ambasaaddara ta'uun milkaa'ina kallattii hundaan badhaadhinni gonfate keessatti hirmaannaa guddaa qabaachuu kaasuun Paartiin Badhaadhinaa qormaata darbuun tokkummaa biyyaa sabdaneessummaarratti bu'uureffate ijaaruun Biyyi humna guddaa akka qabdu beekee isarratti hojjechuun misoomsuun bu'aa galmeessisuun jijjiiramni damdaneessi akka galmaa'u taasiseera Kanaaf Carraa keenya sagalee keenyaan murteessuun hojiileen jalqabaman akka itti fufaniif Badhaadhina filachuun fakkeenya Misoomaa ta'uun kabaja biyya keenyaa olkaasuu qabna jedhaniiru. Itti Gaafatamtuu Gurmuu Dubartootaa Magaalaa Adaamaa Immabeet Kabbadaa haasawa simannaa taasisaniin Paartiin Badhaadhinaa waadaa Ummataaf gale gochaan mirkaneessuun injifannoowwan gurguddaa gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasatiin galmeessisuu eeruun Injifannoo kana keessatti gaheen dubartootaa iddoo olaanaa akka qabuufi hirmaannaa dubartootaa malee misoomnifi badhaadhinni kan hin yaadamne ta'uu hubachuun dandeettii raawwachiisummaa cimsuuf dubartoonni gurmuu, waldaafi federeeshiniin akka gurmaa'an taasisuun ogummaa horachuun dinagdeen cimanii Misooma biyyaa keessatti qooda si'aayina qabu akka taasisan hojjechaa jiraachuu eeruun Filannoon adeemsa ummanni sagalee kennuun Mootummaa ittiin ijaaru waan ta'eef dubartoonni sagalee kennuun egeree biyya ijaaruun Itiyoophiyaa fakkeenya Badhaadhinaa ni taasisna jedhaniiru. Kaadhimamtuu Bakka Buutuu Paarlaa Ummata Magaalaa Adaamaa Aadde Bashaatuu Dinagdee gamasaaniin Paartiin Badhaadhinaa biyya diigamarraa oolchuun injifannoowwan kallattii maraan kan galmeessiseefi biyya ijaaruukeessatti gahee guddaa kan qaban dubartoonni injifannoo dhufe keessatti hirmaannaa akka taasisaniif carraawwan babal'isuu eeruun Paartiin Badhaadhinaa namoomarratti hundaa'uun tokkummaa biyyaalessaa madaala eeguun yaadama biyya utuban lafa qabsiisuun qonna ceesisuufi dinagdee hirmaachisaa ta'e qabatee kan deemu,Nageenyi akka uumamu carraawwan jiran hunda fayyadamuun Marii Biyyaalessaa uumuun hojiirra oolchaa jiraachuu ,dhaloonni qaroome tekinoolojiin cime akka uumamu taasisuufi Hojiileen misoomaa gama hundaan hojjetamuun dubartoota fayyadamoo akka taasisan ibsaniiru

Subscribe to Our Newsletter