← Back to News

Hojii Haaromsa Aadaa Daran Cimsuun Imala Badhaadhinaa Jalqabame Dhugoomsuu Qabna. Obbo Ashannaafii Ajjamaa Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa

📰 Published on April 26, 2026
Konsartiin 'Faana Nagaaa' Magaalaa Adaamaa Jalqabame. Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa haasawa Saaqinsaa taasisaniin Kaayyoon konsartii Faana Nagaa Nagaa Waaressuu,namni nagaaf akka jiraatufi bitamu taasisuu, Hojii misoomaa gara garaa magaalaa Adaamaatti hojjetaman beeksisuu,Aadaa,Safuufi duudhaa ummata Oromoo Addunyaaf agarsiisu, Bohaartiifi gammachuuf akka ta'e ibsuun Hojii Haaromsa Aadaa daran cimsuun imala Badhaadhinaa dhugoomsuu qabna jechuun ibsaniiru. Dabalataanis Sagantaan kun eenyummaafi seenaa ummatichaa kunuunsuun dhalootatti dabarsuuf gahee guddaa waan qabuuf Injifannoo Waloon arganne akka waara'uuf cimnee tikfachuu barbaachisa jedhaniiru.

Subscribe to Our Newsletter