← Back to News

"Inispeekshinii cimaa hojimaata teeknoloojiin deggarameen of gahoomsaa paartii cimaa ijaaruuf qindoominaan hojjechuu qabna." Obbo Kaffaaloo Tafarraa

šŸ“° Published on April 18, 2026
Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa gabaasa argannoo KIN hanga kurmaana 3ffaa, raawwii adeemsa filannoo diimokiraatessuuf hojjetame irratti caasaa naannoo irraa kaasee hanga aanaa jiru waliin har’a magaalaa Bishooftuutti marii gaggeessee jira. Dabalataanis, moosaajiin hojiiwwan paartii dijiitaaleessuuf misoomee hojiirra oolaa jiruun walqabatee raawwiin hanga ammaa jiru sadarkaa maalirratti akka argamu erga dhiyaateen booda,hanqinoota gama kanaan jiran fooyyeessuu kan dandeessisu mariin hubannoo uumuu taasifameera. Moosaajiin Paartii dijitaaloome ijaaruuf misoomee hojiirra oolaa jiru kun paartii gurmaa’insaa cimaa fi sirna odeeffannoo si’oomeen masakame ijaaruun hojimaata ammayyoome uumuu keessatti gumaacha ol’aanaa taasisaa akka jiru hubachuun danda’ameera. Gabaasa argannoo KIN dhiyaateen hojimaata paartii kabajuu fi kabachiisuudhaan wal qabatee fooyya’iinsi jiraachuun kan hubatame yommuu ta’u, argannoowwan hojimaata faalleessan ilaalchisee marii bal’aan erga taasifameen booda kallattiin sirreeffamaa kaa’ameera. Filannoo biyyaaleessaa marsaa 7ffaa adeemsaanis ta’ee bu’aadhaan diimokiraateessuun imala ijaarsa diimokraasii bu’uureessuun walqabatees, raawwiin jiru dhiyaatee kan mari’atame yommuu ta’u hanqinaalee mul’atan irratti kallattiin sirreeffamaa akeekameera. Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa Inispeekshinii cimaan fayyummaa keessoo paartiitiif bu’uura waan ta’eef, hojiin gama kanaan jalqabame hojimaata dijitaaleessuun dabaalame hojiirra ooluun akeeka paartii cimaa fi mootummaa cimaa ijaaruuf qabanne akka dhugoomsuuf hojjechuu qabna jedhan. Caasaan paartii sadarkaadhaan jiru, fayyaaleessummaa keessoo paartii eeguuf qaama biraa osoo hin eegne, ofiin ofsakattaa’aa fi of qulqulleessaa deemuu akka qabu eeruun, adeemsa kanaan qabsoo keessoo jabeessuun ijaarsa paartii cimaaf bu’uura kaa’uun barbaachisaadha jedhan. Paartii cimaa fi dijitaaloome ijaaruuf moosaajiin misoomee hojiirra oolaa jiru fakkeenyummaa guddaa akka qabu kan ibsan Obbo Kaffaaloon xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan hojiirra ooluu qaba jedhan.Akkasumas miidiyaa dijitaalaa Itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan fayyadamuuf ijaarsa seeneessa waloo hojiirra oolchuuf caasaan paartii sadarkaan jiru gahee isaa bahachuu akka qabu hubachiisaniiru. Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti I/Gn Damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulii xummura waltajjii kanarratti yaada kennaniin, caasaan paartii sadarkaan jiru adeemsa ijaarsa paartii keessatti ciminoota galmaa’aan lakkaa’anii beekuu, hanqinoota ijoo adda baasuun injifannoo caalmaaf hojjechuu qabna jedhan. Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa adeemsaanis ta’e bu’aadhaan dimokraasummaa isaa eeguuf hojjechuun demokraasii bu’uureessuuf akeeka qabame milkeessuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjechuu qabna jedhan. Hojimaata paartii beekuu fi hojiirra oolchuudhaan diimokraasummaa keessoo paartii eeguudhaaf hojjechuu, akkasumas, paartii dijitaalawaa ijaaruuf shaakallii jalqabame karaa guutuu ta’een hojiirra oolchuuf hojjechuu qabna jedhan.I/G Damee Ijaarsaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqala gama isaanitiin paartii waan hundaan gahoome ijaaruuf, kallattii kennamu disipliinii cimaadhaan hojiirra oolchuu fi hojimaata paartiif bitamaa ta’uun murteessaa waan ta’eef, dhimma kanaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru. Diimokiraasummaa keessoo paartii eeguun fudhatamummaa paartiif murteessaa ta’uu eeruun, gochaawwan farra diimokiraasii fi hojimaata badaa haala kamiinuu uumamu irratti kutannoodhaan qabsaa’uu qabna jedhan.

Subscribe to Our Newsletter