← Back to News

Inspeekshinii Cimaa Gaggeessuun Hojimaata Paartii Lafa Qabsisuudha

📰 Published on February 13, 2026
#Magaalaa_Adaamaa ================ “Inspeekshinii Cimaa Gaggeessuun Hojimaata Paartii Lafa Qabsisuudha”** fi “Duudhaa fi Safuu Naamusaa Goonfachuun Malaammaltummaa Haa Ittisnuu!” Qindoomina Waajjira Paartii fi Komishinii Inspeekshinii fi Naamusa (KIN) Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaan, leenjii mata duree “Tumaalee Bu’uuraa Dambii Ittiin Bulmaataa fi Qajeelfamoota Paartii” jedhu, hoggansa Paartii fi KIN sadarkaa Magaalaa, Kutaalee Magaalaa, Aanaalee akkasumas gaggeesitoota Gamtaa Seektaraatiif kennamee jira. Leenjicha kan banan Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa Obbo Ashennaafii Ajjamaa yoo ta’an, barreeffama mata duree leenjichaa immoo gama Komishinii Inspeekshinii fi Naamusa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa irraa Obbo Kabbadaa Irranaa dhiyaateera.

Subscribe to Our Newsletter