"Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti."
📰 Published on February 20, 2026
Paartiin Badhaadhinaa Manifestoo fi Mallattoo Filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa Nadoo ykn Bissii Qamadii Taasifachuun Ifoomsineera
Mootummaan paartii badhaadhinaa biyya bulchaa jiru dirree siyaasaa bal'isuun paartileen morkattootaa bal'aan irratti hirmaachuuf kan qophaa'an yoo ta'u, Filannoon marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamu diimokiraatawaa, haqa-qabeessa, hirmaachisaa fi karaa nagaan akka gaggeeffamuuf hundumtuu gahee irraa eegamu bahuu qabu.
Paartiin Badhaadhinaa imala Waggoottan shanan darbeen waadaa uummata isaaf galee qabatamaan raawwachuun Itoophiyaa diigumsa irraa baraaree toora biyyoota guddina ariifataa galmeessan faana akka hiriirtu taasisee jira. Ilaalama yaadama Idaa'amuutiin Itoophiyaa cabiinsa rogdaneessa irraa fayyisuun gara guddummaatti saffisaan akka imaltu taasisuun dandaa'ameera.