โ† Back to News

Leenjii Haaromsa Aadaa Sadarkaa Magaalaa

๐Ÿ“ฐ Published on February 20, 2026
Waajjirri Aadaa fi Turizimii Magaalaa Adaamaa Leenjii Haaromsa Aadaa Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee ,Artiistootaa, Moodeelistootaafi hojjettoota mana hojichaaf kennamaa jira. Haaromsi aadaa dhaloota duudhaa Oromummaa goonfate horachuun, seenaa isaa beekee, aadaa isaa kabajeefi egeree biyyaa ijaaruu dandaโ€™u, kallattii hundaan dorgomaa ta'e horachuun badhaadhina hunda-galeessa mirkaneessu danda'u horachuu keessatti gahee olaanaa qaba. Maree kanaanis haaromsa aadaa milkeessuu keessatti gaheen Abbootii Gadaa ,Haadhoolii Siinqee, Artiistootaa, Moodeelistootaa fi Hojjettonni mana hojichaa galma gahiinsa xiyyeeffannoo haaromsa aadaa keenyaa kan ta'e aadaa Oromoo ceesisuu,beekumsa Oomishuu,diinagdee ceesisuu,aartii Oromoo ammayyeessuu fi miidiyaaf kominikeeshinii ammayyeessuu irratti hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu Itti Gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Turizimii Magaalaa Adaamaa Obbo Caalchisaa Magarsaa ibsaniiru.

Subscribe to Our Newsletter