Magaalaa Adaamaa Aanaa Hangaatuutti sosochiin duula filannoo paartii Badhaadhinaa gaggeeffame.
📰 Published on April 30, 2026
Sagantaa kanaan deeggartoonni fi miseensonni paartichaa argamuun kaadhimamtoota isaa fi sagantaa isaa uummataaf dhiyeessaa ooleera. Duula kanaan paartichi waggoota dhufan keessatti karoora qabate irratti hundaa'uun ummanni sagalee isaa akka kennuuf gaafateera. Itti gaafatamaan waajjira paartii Badhaadhinaa Aanaa Hangaatuu Obbo Darajjee Baqqalaa Paartiin Badhaadhinaa paartii qabatamaan jijjiirama fiduu danda'u ta'uu isaa hojii kanaan dura hojjeteen agarsiisaa turuu ibsan. Badhaadhinni tokkummaa bu'ura godhachuun, magaalota bakka oomishaa taasisuu fi carraa hojii uumuun diinagdee biyyaa guddisuu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu ibsan. Walitti dhufeenya hawaasaafi mootummaa cimsuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf kan hojjetu ta'uus eeran. Bulchaan Aanaa Hangaatuu Obbo Goobanaa Guddataa Yaadamni paartii badhaadhinaa uummata waliin ida'amuun seenaa waggaa toorba dura ture qabatamaan jijjiireera jedhan. Rakkoo uumamuu danda'uuf dursee of qopheessuun furmaata waaraa kennuuf kan socho'u ta'uus dubbatan. Injifannoo hanga ammaatti argame itti fufsiisuuf, akkasumas badhaadhina maatii fi biyyaa mirkaneessuuf paartii Badhaadhinaa filadhaa jechuun dhaamsa dabarsaniiru. Xumura irrattis hojileen idustirii godoo aanichaatti hojjetamaa jiru daawwatameera.