← Back to News

Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Boolee Aanaa Dhakaa Adii fi Andooddee sadarkaa Zoonitti sosochii duula na filadhaa paartii badhaadhinaa filannoo biyyoolleessaa marsaa 7ffaa gaggeefame.

📰 Published on May 14, 2026
Duula sosochii filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa kutaa magaalaa Boolee Aanaa Dhakaa Adiii fi Aanaa Andodee zoonii Golboo, Tirmaa, Galchaa fi Aanaa Adaamaa gaggeefame kanarratti Itti gaafatamaan waajjira Paartii badhadhinaa damee magaalaa Adaamaa fi kaadhimamaan caffee obbo Ashanaaffii Ajjamaa, Itti gaafatamtuun waajjira kominikeeshinii magaalaa Adaamaa fi kaadhimamtuu caffee addee Aminaa inkush fi hoggansii kutaa magaalichaa, Aanaa Dhakaa Adii, hawaasa zoonii Golboo,Tirmaa, Galchaa fi hawaasni Aanaa Adaamaa zoonii gara garaa affeeraa taasifameef irratti hirmaatanii jiru.Duula sosochii filannoo marsaa 7ffaa biyyooleessaa bakka miseensoonni fi deeggerttonni paartichaa Zoonii Aanaalee Dhakaa Adii fi Andoodee argamanitti Mata duree "Itoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti" jedhuun gaggeefamee jira. Haasawa baga nagaan dhuftanii kan taasisan hojii raawwachisaa olaanaa kutaa magaalaa Boolee obbo Bariisoo Baqqalaa akka jedhanitti waggoottan shanan darban hoggansa paartii badhaadhinaa waliin ta'uun hojiilee gama misoomaa, siyaasaa, nageenyaa,hawaasummaa fi kanneen birootiin hojjilee boonsaa hawaasa keenya fayyadan hojjatee waan jiruuf filannoo bara kana caamsaa 24 gaggeefamu mallattoon isaa nadoo qamadii ta'e fildhaa jedhan. Itti gaafatamtuun waajjira kominikeeshinii magaalaa Adaamaa fi kaadhimamtuu caffee addee Aminaa Inkushii akka jedhanitti paartiin badhaadhinaa paartii dargaggootaa, qonnaan bultotaa, daldaltootaa fi hawaasa hundaa hammate ta'uu ibsuun hojjilee misooma gama hundaan hawaasa magaalichaa fayyadan itti fufsiisuuf paartii badhaadhinaaf sagalee keessan kennuu qabdu jedhan. Itti gaafatamaan waajjira Paartii badhadhinaa damee magaalaa Adaamaa fi kaadhimamaan caffee obbo Ashanaaffii Ajjamaa ergaa dabarsaniin akka jedhanitti yoo nu filatan galmootaa gurguddoo utubaalee 15 qabatee giddu gala taasifachuun paartii badhaadhinaa paartii waadaa ummataaf galee qabatamaan dhugomsuu danda'uu jedhan.Paartiin badhaadhinaa paartii abddii ummataa fakkeenya Afrikaaf ta'uu danda'u halkanii fi guyyaa hojjilee misooma gara garaa magaalichatti hawaasa isaatiif hojjachaa jiru kanaaf sagalee keessan kennuufii qabdu jedhan.

Subscribe to Our Newsletter