Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Booleetti Waajjirii paartii Badhaadhina Aanaan Dhaka Adii Sossochii duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa gaggeessee.
📰 Published on April 30, 2026
Saganta duula na filadha kana irratti Hoggantoonii kutaa magaalichaa fi Aanichaa akkasumaas deggartoonni paartii badhaadhina fi hawaasni Aanicha argamaniru. "Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti" dhadannoo filannoo paarticha bara kana yoo ta'uu Itoophiyaa seenaa hiyyummaa dagattee Badhadhina gonfatteef Paartii Badhaadhinaa filadhaa ergaan waltajjicha irra darbee dha. Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhina Damee Aanaa Dhakaa Adii Obbo Godaanaa Dagoo paartiin badhaadhina paartii hunda galeesaa,damdaneessa fi namoomaa irratti hunda'ee akkasumaas obbolumaatii amanu dha kanaaf paartii badhaadhina filachuun egeree biyyaa keenyaaf haa tumsinu jedhan. Bulchaa Aanaa Dhaka Adii Obbo Dabalee Hayiluu paartichi filannoo marsaa 7ffaaf yoo qapha'uu injifannoowwan baroottan darban galmeesisee qabate akka ta'ee ibsuun akka Aanichaatti hojiilee misooma fi nageenya akkasumaas alseerruumma lafaa dhabamsisuun gaafii jiraattoota aanichaa bara dheeraa deebisisuun danda'amu isaa himaniru. Deggartoonni paarticha gama isaanitiin paartiin badhaadhina hojjilee hanga amma hojjateen biyyaa fi hawaasaf bu'aa guddaa waan buuseef kana itti fufsisuuf ammas paartii badhaadhina kan filattan ta'uu dubbatan.