Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Daabeetti Sosochiin Duula Nafiladhaafi Beeksisa Mallattoo Filannoo Paartii Badhaadhinaa Adeemsifame.
📰 Published on May 04, 2026
Kantibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee haasawa taasisaniin partin Badhaadhinaa waadaa akka Magaalaa Adaamaatti galee ture nagaa buusuu,Magaalaa Adaamaa Giddugala waan hundaa taasisuu, dimokiraasii dhugaa ijaaruun waliin jireenya cimsuu, magaalaa giddugala oomishaa akka taatu ummanni misoomarraa walqixa akka fayyadamu taasisuu, Magaalli miidhagduu akka taatu bu'uuraalee misoomaa babal'isuun Dargaggoonni hojii argachuun dinagdeen akka of cimsan taasisuu,Haala Mana Jireenyaa qonnaan bulaa jijjiiruu,Kallattii misoomaa yaadama ida'amuu irraa maddan hojiitti hiikuun ummata fayyadamaa taasisuuf Sirna Oomishaa fooyyessuu irratti caalmaan hojii guddaa hojjeteera.
Ammallee Dargaggoota ijaarree aadaa hojii jijjiirree dargaggeessi giddugala oomishaa, maasaafi dirree misoomaa keessatti akka galu gochuu,Kenna tajaajila hojimaatota diriireen hojjechuurratti ni hafa Daandii milkiirratti argamna waan ta'eef wantoota nu hanqatan guuttachaa guddummaa Saba keenyaa kan itti mullisnu,obbolummaafi wal qixxummaan qofti fala akka tahe,waliin beekuu qofti jijjiirama akka tahe kan itti mirkaneessinu Mootummaa cimaa ijaarree Itiyoophiyaa addunyaa keessatti iddoo isheef malu teechisuuf Karoora qabanneera kanaaf filannoo kanaan cimnee Paartii ceesisuun hojiilee jalqabaman Itti fufsiisuu qabna jedhaniiru.
Hojiraawwachiisaa Olaanaa Kutaa Magaalaa Daabee Obbo Fayyisaa Lammii gamasaaniin Paartiin Badhaadhinaa Paartii Itiyoophiyaa diigumsarraa baraaree sabaafi sablammoota jidduutti jaajala uumuun tokkummaa itichaa jiruudha.Hojilee hedduu abdii ummatatti Horan,Inisheetivoonni adda addaa akka Kutaa Magaalaa keenyaatti hojjetamuun fayyadamummaa ummataa mirkanaa'era,Rakkoowwan yeroo dheeraaf turan furamuun jiraattotaaf deebiin mirgaa akka argatan taasifameera.Oomishaafi oomishtummaa dabaluuf qonnaan bulaa qonna ammayyaatti akka fayyadamu,Nageenyi akka waara'u olaantummaa Seeraa mirkaneessuuf hojiin guddaan hojjetameera. Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Marsaa 7ffaatinis Fedhiifi faayidaa ummataa kan bu'uureffate tarsiimoo bocee dorgommiin dhufeera waan ta'eef Misooma jalqabame Itti fufsiisuuf Badhaadhina yaa filannu jechuun dhaamaniiru.