Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa dambalaa Aanaa wanjiitti Sosochiin duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffame.
📰 Published on April 30, 2026
Sosochii duula nafiladhaa kana irrattis Hooggansi Magaalaatti hanga aanaalee jiran, hojjetootni Dhaabbilee dhuunfaa garaagaraa fi hawaasni Kutaalee garaagaraa argamaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira paartii badhaadhinaa Aanaa wanjii Obbo Mohammad Amaan haasawwaa taasisaaniin paartiin badhaadhinaa paartii waggoota muraasa keessatti hojiiwwan gurguddoo hojjettee biyya ijaare tahuu himan. Guyyaa har'aas Paartiin badhaadhinaa sosochii duula nafiladhaa taasisuuf paartii birmaddummaa biyya itti fufsiisuuf qabate jiru ta'uu kaasuun, innis dhadannoo Mata dureewwan kudha Shan dhiyeessee jiraachuu dubbatan. Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Wanjii Obbo Caalaa Baabsaa paartiin badhaadhinaa paartii kan dubbate fiixaan baasuun paartii abdii uummatatti horee fi paartii haammataa tahuu ibsan. Dhadannichis hawaasa giddu gala kan godhatee fi aantummaa uummataaf qabu kan argisiisu ta'uu kaasaniiru. Paartii dhadannoo qofaan osoo hintaane qabatamummaa mul'isuu fi olka'insa Biyyaa argisiise argisiisedha jedhan.Hawaasnis gama hundaan Filannoo marsaa torbaffaa milkeessuuf gahee isaanii akka bahatan ergaa dabarsaniiru. Akka Aanichaatti hawaasni Kuma 25 ol kaardii Filannoo fudhatee jiraachuu kan immoo itti gaafatamaa siyaasaa paartii badhaadhinaa Aanaa wanjii Obbo Baayyuu kifleeti.kana haldureewaan Filannoo bara 2018 gaggeeffamu sadarkaa gaarii irra jiraachuu dubbatan. Hawaasni sosochii duula nafiladhaa kana irratti argamanis paartii badhaadhinaa cina ni dhaabbanna jechuun himan.