Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Danbalaatti jala bultii duula sosochii nu filadhaa paartii badhaadhinaa guyyaa boruu gaggeeffamuuf qophiin gahaa taasifamee jira.
📰 Published on May 02, 2026
Magaalaa Adaamaa akka kutaa magaalaa Danbalaatti jala bultii duula nu filadhaa paartii badhaadhinaa guyyaa boruu gaggeeffamuuf bakka hoggansii magaalichaa, kutaa magaalichaa,Aanaa Wanjii,Malkaa Adaamaa,Irreechaa , miseensoonni fi deegarttonni paartichaa argamanitti qophii gahaa taasisanii jiru. Itti anaan kantibaa fi qiindeessaan damee dinagdee magaalaa Adaamaa obbo Maatiwoos Sabboqaa fi Af yaa'iin magaalaa Adaamaa addee Imabeet Jibbaa fi hoggansii kutaa magaalichaa fi Aanaalee argamanii jiru. Sagantaa duula sosochii nu filadhaa akka kutaa magaalaa Danbalaatti guyyaa boruu gaggeefamuus motto paartiin keenya badhaadhina ,mallattoon keenya nadoo qamadiiti jedhuun kan gaggeefamu ta'uu sagantaa baheeraa hubachuun nidanda'ama.