Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Luugootti Sosochiin duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa geggeeffamee jira.
📰 Published on May 04, 2026
Paartiin Badhaadhinaa waggoottan shanan darbaniif biyya kufaatii irraa baraaruun Siyaasa fiixeetti bahee jibbiinsarratti hundaa'e balleessuun federaalizimiin dhugaa akka mirkanaa'uufi tokkummaan sabdaneessummaa sona obbolummaatiin dagaage akka lafa qabatu taasifameera. Mootummaa cimaa Ummataaf hojjechuu danda'u ijaaruun humnoota misoomaa cimsuun caalmaan tajaajiloonni Mootummaa akka fooyya'an taasifameera, jiruufi jireenya lammiilee jijjiiruuf akaakuu oomishaa baay'isuufi gabaa biyya keessaafi alaatti ce'u oomishuun jijjiiramni hundagaleessa akka dhufu taasifameera.Kanaaf filannoo marsaa 7ffaatiin carraa argameen hojiiwwan misoomaa damdaneessaa jalqabaman caalmaan gabbisaa tajaajila ummataa dijitaalessaa Itiyoophiyaa fakkeenya addunyaa taasisuuf xiyyeeffannoodhaan kan hojjetamu ta'a.