Magaalaa Adaamaatti Gurmuun Dargaggoota Kutaa Magaalaa Daabee Sosochii duula nafiladhaa Paartii Badhaadhinaa gaggeesse.
📰 Published on May 03, 2026
Duulli nafiladhaa kunis misooma, dinagdee, nageenya biyyaa, fi tokkummaa sabdaneessaa cimsu irratti xiyyeeffachuun isaa ibsameera. Itti gaafatamaan Waajjira paartii badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Daabee obbo Faanoo Gamadii haasawwaa taasisaniin Sirna kana kan dhaabee fi aarsaa gurguddaa itti kaffalee har'aan gahe dargaggoota tahuu himan.Paartiin badhaadhinaas dargaggoota waliin hojjechuuf karoora gurguddaa qabatee jira jedhan. Filannoo marsaa 7ffaa milkeessuuf dargaggootni hunduu ejjennoo tokko qabaachuun gahee irraa eeggamu akka bahan dhaamaniiru. Hoji raawwachiisaa olaanaan Kutaa Magaalaa Daabee obbo Fayisaa Lammii waggoottan torban darban qeerroo fi qarreen qabsoo bal'aa taasiseen biyyi ijaarame jedhan.Bara kanas Filannoo marsaa 7ffaa gaggeeffamu sagalee Caalmaan paartiin badhaadhinaa akka injifatuuf dargaggootni gahee olaanaa qabaachuu kaasaniiru. Kana malees dargaggootni mallattoo paartichaa ykn nadoo qamadii beeksisuun hawaasa barsiisuu akka qabu ergaa dabarsaniiru. Saganticha irratti argamuun ergaa kan dabarse itti gaafatamaan gurmuu dargaggoota Magaalaa Adaamaa dargaggoo Oliifan Girmaa paartiin badhaadhinaa paartii dargaggootaa fi dhaloota haaraa tahuu himuun, Sirna dhiigaa fi lafeetiin dhufe dargaggootni tiksuun paartii badhaadhinaa filachuu akka qabu ergaa dabarseera. Sanadawwan duudhaa paartichaa fi hojiilee gama dargaggootaan hojjetamaa ture kan dhiyeesse immoo Itti gaafatamaa gurmuu dargaggoota Kutaa Magaalichaa dargaggoo Tamasgeen Makuriyaati.(ABS)