Magaalaa Adaamaatti Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Aanaa Barreechaa Duula Na Filadhaa Filannoo Biyyoolessaa Marsaa 7ffaa Taasise.
π° Published on April 30, 2026
Ittigaafatamtuun Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanichaa Aaddee Yoodiit Aabbuu Paartiin keenya Utubaalee Shanan diinagdee bu'uureffachuun biyyattiitti Badhaadhina hundgaleessa fiduuf sochii hammattummaan taasisaa tureen bu'aaleen lakkaa'aman galmaa'aniiru jedhan. Buβaalee qabatamaan muldhataniin onnannee ummata baldhaa abbaa jijjiiramichaa ta'e qabachuun yeroo ittaanutti utubaalee 15 keessatti muldhata ifaa biyya ittiin ceesifnu qabachuun filannoo marsaa 7ffaaf dhiyaanneera jechuun dubbatan. Bulchaan Aanaa Barreechaa obbo Darajjee Tasammaa gamasaanitiin Paartiin Badhaadhinaa Paartii rakkoo keessatti uumamee ummata rakkoo keessaa baaseedha jedhan. Seenaa walwaraansaa fi waljibbiinsaa kana dura ture haqee cabinsa gama hundaan ture waldhaanuun biyya abdii itti horuu kaasan. Kanaaf Paartii Badhaadhinaa filaadhaa jechuun ibsan. Deeggartootni fi miseensotni sabaa fi sablammoota adda addaarraa dhufan sagantichaa akkaan midhaagasaniiru.