← Back to News

Magaalaa Adaamaatti Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Andoodee Duula Na Filadhaa Filannoo Biyyoolessaa Marsaa 7ffaa Gaggeesse.

📰 Published on April 30, 2026
Deeggartootaa fi miseensotni akkasumas hooggantootni adda addaa Paartichaa uffata aadaa fi calaqqeewwan fi ibsituu Paartii Badhaadhinaatiin faayaman argamuun sagantichaatti simboo horaniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Andoodee obbo Olaanii Dheeressaa Paartiin Badhaadhinaa gama tokkoon hojii Filannoo marsaa 7ffaa bilisaa fi haqa-qabeessa akka ta'u gochuu f xiyyeeffannoon hojjachaa, gama biraatiin hojiilee fayyadamummaa hawaas-diinagdee lammiilee dhugoomsan raawwate qabachuun filannoof dhiyaateera jedhan. Kana hubachuudhaan paartii kalleessa waldhaanee fi hardha bu'uura kaa'e akkasumas boruu abdi qabeessa dhaloota dhaalchisuuf hojjataa jiru Paartii Badhadhinaa filadhaa jedhan. Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Andoodee obbo Urgii Baqqalaa Paartiin Badhaadhinaa biyya deeggaramuurraa gara oomishtummaatti jijjiiruun qamadii alaa galchurraa gara alatti erguutti ceesisee fakkeenya Badhaadhinaa akka taatu hojjataara jedhan. Nagaa fi tasgabbiin akkasumas waloomni akka babaldhatuu fi lammiileen tokkummaan gara misoomaa fi Guddinatti akka fuulleffatan Paartii hojjate Paartii Badhaadhaa Filadhaas jedhu.

Subscribe to Our Newsletter