Magaalaa Adaamaatti Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Dirree Nagaayaa Duula Na Filadhaa Filannoo Biyyoolessaa Marsaa 7ffaa Gaggeesse.
📰 Published on April 30, 2026
“Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti” kan jedhu mata duree duulichi ittiin gaggeeffame yoo ta'u mallattoon Paartichaa Filannoo Biyyoolessaa marsaa 7ffaa Bissii qamadii ta'uutu ibsame. Paartiin Badhaadhinaa Siyaasa fiixee gamaa gamaanaarra ture gara gidduutti deebisuun waloomni akka lafa qabatuu fi sabaa fi sabalammoota biyyattii gidduutti walqixxummaan akka uumamu Paartii tolcheedha jedhan Ittigaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Dirree Nagayaa obbo Tashoomaa Adunyaa. Kanumaanis waadaawwan gale dhugoomsee jijjiirama caaluuf onnatee filannoo marsaa torbaffaaf dhiyeeteera jechuun dubbatan. Paartiin Badhaadhinaa wareegama ummattootni biyyattii kaffalan kan hundaa'e waan ta'eef hunda caala quuqamaa fi aantummaa hawaasaa qabu milkaa'inoota damee adda addaatiin galmaa'aniin agarsiiseera kan jedhan immoo Hoji-Raawwachiisaa Olaanaa Ittaanaa Kutaa Magaalaa Luugoo obbo Biiftuu Ifaati.
Paartii Badhaadhinaa filachuun milkaa'inoota daran itti fufsisuun biyya gama hundaan fakkeenya taate uumuudhas jedhan. Miseensotaa fo deeggartootni akkasumas hooggantootni Paartichaa sadarkaa adda addaarra jiran duula na filadhaa kanarratti argamaniiru.