Magaalaa Adaamaatti waajjirri paartii badhaadhinaa damee kutaa magaalaa Abbaa Gadaa sosochii duula na filadhaa gaggeesse.
📰 Published on May 02, 2026
Itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaa Obbo Abdoo Mohaammad paartiin badhaadhinaa biyya badhaateef birmadummaan ishee kabajame dhaloota egeree dhaalchisuuf karoorfatee kan hojjetu ta'uu himan.
Dhaloota ogummaan cime ijaaruu, hoji dhabdummaa hambisuu, dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii uumuun siyaas-diinagdeen akka of jijjiiraniif hojiin bal'aa paartichaan hojjetamaa turuu kaasan. Kanaaf uummanni biyyattii Badhaadhina filachuun jijjiirama jalqabame fiixaan baasuu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.Hojiraawwachiisaa olaanaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaa Inj. Naannoo Masqalee gamasaaniin paartiin badhaadhinaa Injifannoo Afrikaa fi fakkeenya ta'uu kan qabu ta'uu dubbatan. Paartiin Badhaadhinaa biyyattii gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf jireenya uummataa fooyyessuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuus kaasuun kanaaf tokkummaa fi jaalala obbolummaan waliin ta'uun yaadama partichaa haa dhugoomsinu jedhuun ergaa isaanii dabarsan.Saganticha irratti kan argaman Ittigaafatamaa Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa damee magaalaa Adaamaa Obbo Adam Faqoo paartiin badhaadhinaa paartii walqixummaa sabaafi sablammootaatti amanu dhala namaa bu'uura taasifachuun hundaa'edha jedhan. Paartichi waggaa Shanan dhufutti yoo carraa argate nageenya amansiisaa ni taasisa,wabii midhaan nyaataa ni mirkanneessa ,dhaloota saayinsiifi tekinooloojiin qaroome ijaaruun dargaggoonni Ogummaan akka ciman kan taasisu ta'uu eeran.