Magaalaa Adaamaatti waajjirri paartii Badhaadhinaa Kutaa magaalaa Luugoo konfiransii paartii kurmaana 3ffaa gamtaa hojjettoota mootummaa gaggeesse.
📰 Published on April 21, 2026
Hojimaataafi qajeeltoo paartii Badhaadhinaa keessaa inni tokko kurmaana kurmaanaan miseensota paartichaa waliin konfiransii gaggeessuun ejjennoofi bilchina siyaasaa miseensotaa cimsuudha. Waajjirri paartii Badhaadhinaa kutaa magaalaa Luugoos bakka miseensotni paartichaa argamanitti konfiransii kurmaana 3ffaa gamtaa hojjettoota mootummaa gaggeesseera. Itti gaafatamaan waajjira paartii Badhaadhinaa kutaa magaalaa Luugoo obbo Urgeechoo Kabbadaa kaayyoon konfiranaichaa kurmaana 3ffaa keessatti ciminootaafi hanqinoota gama hojii paartiitiin mul'atan adda baafachuun miseensotni ilaalamaafi yaadama paartichaan gabbatanii toora paartichaarratti cichanii akka hojjetan gochuudha jedhan.
Konfiransicharratti gabaasni raawwii hojii kurmaana 3ffaa paartichaafi gabaasni Komishinii inispeekshinii kutaa magaalichaa dhiyaatee mariin bal'aan irratti gaggeeffameera.
Hojiin ijaarsaafi siyaasaa hojjetame bu'uura uummataa qabachaa dhufuu,galmee filattootaa si'aayinaan gaggeessuufi filannicha naga qabeessa,haqa qabeessaafi dimokiraatawaa gochuuf hojiin hojjetame laayyoo akka hintaane gabaasicha keessatti caqasameera. Haata'u malee toora paartiirra dhaabbatanii qabsoo gitaa gaggeessuu dhabuu,harcaatiin miseensotaa jiraachuun dhimmoota akka hanqinaatti ka'an keessaati. Hirmaattotni konfiransichaas hooggansa paartii badhaadhinaatiin injifannoowwan hanga har'aatti galmaa'an kunuunfachaa injifannoo caaluuf paartii keenya cinaa dhaabbanna jedhan. Hoji raawwachiisaan ol aanaa kutaa magaalaa Luugoo Obbo Mulaatuu kabbadaa ciminoota kurmaana 3ffaa keessatti mul'atan itti fufsiisuun hanqinoota maqsaa deemuuf miseensotni kutannoofi cichoominaan hojjechuu akka qaban dhaaman. Keessatti dhimmi filannoo marsaa 7ffaa hojii ijoo paartichaa kurmaana 4ffaa ta'uu dubbatan.