← Back to News

Manni Maree Waloo Paartilee Morkattootaa Damee Magaalaa Adaamaa sadarkaa Naannoo Filannootti hundeeffame!

📰 Published on April 29, 2026
Paartileen morkattootaa filannoo Biyyaalessa Marsaa 7ffaa irratti hirmaachaa jiran waliin Mana Maree Waloo Naannoo Filannootiin guyyaa har'aa hundaa'eera. Hundeeffamni mana maree kun Filannoo Biyyaleessaa marsaa 7ffaa galma filannoo bilisa, nagaa,hirmaachisaa fi haqa qabeessa ta'e akka xumuramuuf Paartilee morkattootaa Magaalaa keenyaatti kaadhimamtoota dhiyeessan waliin hanqinaa fi cimina hanga ammaa jiruu fi hojiiwwan milkaa'ina filannootiif gargaaran irratti bal'inaan mari'achun waliigalteen xumurameera. Xumura irrattis Filannichi Nagaan, hirmaachisaa fi haqa qabeessa ta'e akka xumuramu, Garaagarummaa siyaasaa karaa marii fi waliigalteen akka deemamu, Hirmaannaa uummatni siyaasaa keessatti qabu cimsuu fi tokkummaa sabaaf sablammootaa jabeessuun ce’umsi siyaasaa tasgabbi qabu uumuuf waloon hojjechuuf waliigalameera.

Subscribe to Our Newsletter