Mariin biyyaalessaa nageenya waaraa biyyaa fiduu fi dhibdee kamuu furu keessatti shoora olaanaa qaba jedhamee.
📰 Published on April 14, 2026
Fayyidaa mariin biyyaalessaa Ijaarsa biyyaa cimaa bu'ureessuu qabu irratti Raadiyoon ABS jirattoota Magaalaa Adaamaa dubbisee Jira. Mariin Biyyaalessaa uummanni biyyattii hariiroo gaariin akka qabaatuufi miirri abbaa biyyummaa akka dhaga'amu taasisuuf barbaachisaadha. Mariin Biyyaalessaa maddoota waldhabdee karaa marii, ilaafi ilaameen hiikuun badii lubbuufi mancaatii qabeenyaa hambisuun nagaafi tasgabbii buusuu keessatti dhimma murteessaa ta'uu Jirattoonni Magaalaa Adaamaa kunneen kan dubbatan. gama birattin Jirattoonni Magaalichaa kunneen yaada kennaniin mariin biyyaalessaa nageenya biyyaa waaressuu,Tokkummaa cimsuu fi waloomaa ittichuu keessattis qooda olaanaa qabas jedhan.
Itti gaafatamaan Wajjiira Paartii Badhaadhina Magaalaa Adaamaa Obbo Ashannafii Ajjamaa mariin biyyaalessaa tokkummaa sabootaa cimsuuf gahee guddaa kan qabu ta'uu dubbatan. Mariin Biyyaaleessaa maddoota waldhabdee maqsuun biyyaatti keessatti boqonnaa haaraa kan saaqudha kan jedhan Obbo Ashannafiin marichii seenessa waloo, biyya waloo kan hunduu waliigalee wal kabajee itti jiraatu uumuuf murteessaa jedhan.