Misooma Dhaweessummaa Olka'iinsa Biyyaaf
📰 Published on February 06, 2026
Misooma Dhaweessummaa Olka'iinsa Biyyaaf !!
#Magaalaa_Adaamaa tti Leenjiin dhaweessummaa guyyoota lamaaf mataduree 'Misooma Dhaweessummaa Olka'iinsa Biyyaaf' jedhuun dargaggoota hojii dhabeeyyiif kennamuu ture xumuurame.
Leenjii kanaan dargaggoonni qorqalbii biizinasii gonfachuun carraa jirutti gargaaramuun hojiitti akka galan taasisuu, aadaa hojii dargaggootaa jijjiruun fayyadamummaa isaanii mirkaneessuu akkasumas, kalaqaafi yaada biznasii jajjabeessuun dhaweeyyii (Interprunera) ciccimoo horachuu ta'uu Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Oogummaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Abduqaadir Xayyibuu ibsaniiru.