← Back to News

nispeekshinii Cimaa fi Supherviizinii Qindaa’een Ijaarsa Paartii Cimsuu

šŸ“° Published on April 24, 2026
Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa, gamaggama hojii kurmaana 3ffaa sadarkaa naannootti gaggeeffameen booda oggansa komishinii sadarkaa kutaa magaalaa fi aanaalee magaalichaatiif adeemsa inispeekshinii fi supherviizinii, kallattii fi cheeckliistii hojii kurmaana 4ffaa har’a kenneera. Itti gaafatamaan Waajjira KIN Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa Obbo Kabbadaa Irranaa akka ibsanitti, hojii inispeekshinii cimaa gaggeessuun ijaarsa paartii cimaa fi DIB fi qajeelfamoota paartichaa dhugoomsuuf murteessaa dha. Hojii indoominaan hojjechuu, of-sakatta’uu fi hanqinoota adda baasuun galtee hojii akka taasisuuf inispeekshinii jabaachuun barbaachisaa ta’uu irratti hubannoon waliigalaa uumameera. Kallattii kennameen, adeemsi inispeekshinii fi supherviizinii kurmaana 4ffaa keessatti bu’a qabeessa akka ta’uuf caasaan paartii hundi karoora qabame irratti xiyyeeffannaa addaa kennuun hojiirra oolchuu akka qabu akeekkachiifameera. Akkasumas, hanqinoota darban irraa barachuun hojii fuulduraa fooyyessuu irratti ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu irratti waliigalameera. Dabalataanis, hojii paartii keessatti naamusaa fi hojimaata sirrii kabajuu, diimokraasummaa keessoo cimsuu fi paartii bu’uura cimaa irratti ijaaruu keessatti hoggansi komishinii sadarkaan jiru gahee adda durummaa bahachuu akka qabu Obbo Kabbadaan kallattii iftoomaan kaa’aniiru.

Subscribe to Our Newsletter