← Back to News

Paartiin badhaadhinaa biyya birmadummaan ishee mirkanaa'ee fi diinagdeen badhaate ijaaruuf hojjechaa jira jedhan kantiibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee.

📰 Published on May 05, 2026
Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Booleetti Duulli "Na Filadhaa" Paartii Badhaadhinaa Gaggeeffame. Duulli kun hawaasa biratti hubannoo cimaa uumuu fi Paartiin Badhaadhinaa waggoota dhufan keessa karoora misoomaa akkamii akka qabu uummata barsiisuu irratti kan xiyyeeffateedha. Sosochii kanaan miseensonni fi deeggartoonni paartichaa irratti kan argaman yoo ta'u, kaadhimamtoonnis sagantaa paartichaa uummataaf ibsaniiru.Saganticha irratti kan argaman Kantiibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee Paartiin badhaadhinaa biyya birmadummaan ishee mirkanaa'ee fi diinagdeen badhaate ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsan.Filannoon mootummaa dimokiraataawaa ijaaruuf bu'uura cimaa ta'uu hubachuun, adeemsi filannoo haqa qabeessa, hirmaachisaa fi dimokiraataawaa akka ta'uuf qaamolee hundi tumsa taasisuun murteessaadha jedhan. Hawaasnis filannoo bara kanaa irratti dammaqinaan hirmaachuun mootummaa cimaa biyya ijaaruu fi egeree dhaloota dhufuuf hojjetu filachuu akka qaban dhaaman. Hoji raawwachiisaan olaanaa Kutaa magaalaa Boolee Obbo Bariisoo Baqqalaa gama isaaniin Paartiin Badhaadhinaa imala Dinagdee biyyaa humneessuuf hojjetaa ture keessatti injifannoowwan gurguddoon galma'aa turuu himan.Paartii Badhaadhinaa filachuun sadarkaa guutuu biyyaatti injifannoo argame itti fufsiisuun murteessaa ta'uus eeran.

Subscribe to Our Newsletter