Tarsiimoon nama magaalomsuu mootummaan hojirra oolchaa jiru jijjiirama amalaa fi ilaalchaa fooyyessuun hawaas_diinagdee ummataa bu'uura cimaarratti ijaaraa jira jedhan itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa damee magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa.
📰 Published on April 16, 2026
Jireenya ummataa gama hundaan jijjiiruu fi lammiileen amala magaalummaa horachuun siyaasa,diinagdee fi hawaasummaa keessatti hirmaannaa gaarii akka qabaataniif mootummaan yaadama magaalomsuu hojiitti hiikaa jira. Yaadama magaalomsuu keessaa inni tokko nama magaalomsuudha. Yaadamni nama magaalomsuu adeemsa dhalli namaa beekkumsaaf hubannoorratti hirkatee jireenya ofii akka gaggeeffatu gochuuti. Itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa damee magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa tarsiimoon nama magaalomsuu ijjiirama amalaa fi ilaalchaa fooyyessuun hawaas_diinagdee ummatichaa jabeessuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan. Magaalaan Adaamaa gama hundaan jijjiirama cimaa keessa jirti kan jedhan Obbo Ashannaafiin jiraattonni leecalloo magaalaan qabdutti sirnaan fayyadamuun jireenya fooyya'aa akka jiraataniif hojiin nama magaalomsuu fi xiin-sammuu jabaarratti ijaaruu hojjatamaa jira jedhaniiru.
Qonnaan bulaan amala magaalaa hubatee qonna ammayyaa'e akka gaggeessu,hojjataan teknoolojiitti madaqee tajaajila si'ataa akka kennuuf hojiin nama magaalomsuu cimee itti fufas jedhaniiru. Kantiibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee hojii nama magaalomsuu hojjatamaa jiruun sirna daldalaa fooyyee qabu, lammii gibira kafaluu fi jaalala biyyaa qabu horachuun danda'ameera jedhan. Ilaalchi yoo jijjiirame jireenyi namaa fi naannoo ni jijjiirama kan jedhan Obbo Hayiluun hawaasa qaroomee fi diinagdeen cime, lammii balfa jibbee naannoo ofii kunuunsu uumuun danda'amuu himaniiru. Jiraattonni magaalichaas tarsiimicha hojirra oolchuun hubannoo fi beekkumsa qaban diinagdeetti jijjiiruu fi jireenya ofii fooyyessuun guddina magaalaa fi ce'uumsa biyyaa dhugoomsaa jiraachuu himaniiru.